KelloMedia Profile Banner
Kello Media Profile
Kello Media

@KelloMedia

Followers
83K
Following
14
Statuses
2K

#Oromo #Amharic #English | Follow us on: Facebook, Instagram & YouTube | Our DMs are not open: [email protected]

Joined April 2019
Don't wanna be here? Send us removal request.
@KelloMedia
Kello Media
21 hours
Mootummaan qophii waranaa gochaa jiraachuu kan agarsiisu leenjii Diroonii jabeessuun beekame Itoophiyaa keessatti waraana adeemsifamaa jiruun mootummaan Dirooniitti dhimma bahaa jira. Itti fayyadama Diroonii kanaanis uummata nagaa hedduun haleelamuu irra deddeebiin gabaafamaa ture. Akka miidiyaaleen mootummaa gabaasanitti Poolisiin Federaalaa ogeeyyii diroonii Poolisii fi Eegdota Rippabilikaan irraa tooftaa itti fayyadama diroonii irratti leenjii fudhataa turan eebbiseera. Komishinarri Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa Jeneraal Demelash Gebre Mikaa’eel leenjiin kun dandeettii poolisoonni itti gaafatamummaa ogummaa isaanii akka ba’atan kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas ogeeyyiin diroonii Poolisii Federaalaa fi Eegdota Rippabilikaan leenjicha irraa eebbifaman beekumsa leenjicha irraa argatan kaayyoo yaadameef qofa akka fayyadaman gorsaniiru jedha miidiyaan mootummaa Haalli kun ammallee mootummaan qophii waraanaa taasisaa jiraachuu agarsiisa jedhame. Haleellaan Diroonii sichillee akka itti fufu agarsiiftuu ta'uu gabaasa kanarraa hubatama. Dhaabbileen mirga namoomaa mootummaan haleellaa Dirooniin gaggeessuun lammiilee irra miidhaa geessisuu himataa turaniiru. Haleellaan akkanaa akka dhaabbatus gaafataa turan. Ta'us ammallee mootummaan yaada dirooniin haleellaa fudhachuu cimsaa jiraachuu hubatameera. Haalli mootummaan Itoophiyaa itti jiru fuulduratti waraanni itti fufee jiraachuu nama agarsiisa jedhame. Humna qilleensaaf akkuma leenjii kennaa jiru humna lafoofi kan duraan olitti leenjii laataa akka jiru himame. Yeroo muddamni gaanfa Afrikaa hammaataa jirutti addatti Itoophiyaa fi naannaawaa isaatti atakaaroon lolaa babal'ataa jiru kanatti sochiin taasifamaa jiru kun agarsiiftuudha jedhame. Nageenyi Itoophiyaa keessaa bu'ee osoo hawwaasni hojiisaatti deebi'ee fedhii hawwaasa bal'aa ta'us, kun guutamuu hin dandeenye. Torban kana ammoo inumaa humnoota TPLF waliin wal qoccollaan deddeemuu dhagaa'ama. Tarii kaaba Itoophiyaatti lolli dhalachuu akka malu sodaatameera. Inumaa wal hubannoo tolfachuun Faannoo fi TPLF akkasuma Shaabiyaa mootummaa Itoophiyaa kan yaaddesse ta'uu himama. Kanarraa ka'uun balleewwan hedduutti dhaadannoon waraanaa osoo dhagaa'amuu mul'ata. Kun ammoo biyyattii daandii hin malletti oofa jedhamee sodaatameera.
Tweet media one
Tweet media two
0
1
12
@KelloMedia
Kello Media
22 hours
Mootummaan Xaa'oo yeroon irra darbe uummataaf raabsuuf jedha jechuun Jaawar Mohaammad akeekkachiisa kenne, ta'us Taakkalee Uumaa deebii kenneera. Namni siyaasaa Jaawar Mohaammad mootummaan Xaa'oo yeroon irra darbe kan lafa balleessuu danda'u uummataaf raabsuuf jedha jechuun fuula facebook dhuunfaa isaan katabe. Jaawar Mohaammad kana kan jedhe, qondaalli mootummaa Itoophiyaa obbo Taakkaalee Uumaa Xaa'oon bakka kuusaatti fe'amaa jiraachuu suuraan deggaree ibsuu isaatiin suuraalee maxxanfaman keessa Xaa'oo kan bara 2022 jedhan arguudhaani. Obbo Taakkaalee Uumaa maxxansa isaanii kaleessaan bakka kuusaatti Xaa'oo Jibuutii gahe daawwachuu hime. Xaa'oo buufata Jibuutii qaqqabe kana suuraan kan maxxanse qondaalli mootummaa kun, suuricha keessatti Xaa'oo yeroon irra darbee mul'ateera. Jaawar Mohaammad dhimma kana irratti maxxansa afaan Ingiliffaan Akeekkachisa jedhee barreesse kanaan, Xaa'oo yeroon isaa irra darbe uummataaf raabsaa akka jiran ibseera. Waa'ee loojistikii fi karoora geejjibaa irratti olola miidiyaa barame uumuuf yaaluun Takele Uma Benti suuraawwan kana har'a qoodaniiru jedha Jaawar. Suuraalee kana waliin ergaan isaanii akka ibsetti gareen Ityoophiyaa Shipping & Logistics fi Ethio-Jibouti Railway guyyaatti xaa’oo toonii 2,580 gara Ityoophiyaatti geejjibuuf qophii taasifamaa jiru daawwataniiru jedha. Haa ta'u malee, xaa'oon kun Masrii irraa kan dhufe yoo ta'u, guyyaan xumuraa isaa ifatti bara 2022 ta'uu Jaawar ibseera Kana jechuun mootummaan xaa'oo yeroon isaa darbe - keemikaalota balaafamaa of keessaa qabu - qonnaan bultoota Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'amaniif raabsuuf qophaa'aa jiraa jechuun miidhaa uummatatti as deemu himeera. Jaawar barreefama isaa kanaan kun garmalee nama sodaachisa jedheera. Mootummaan Xaa'oo yeroon isaa darbe Misir irraa bituun isaa maal yaadee akka ta'es Jaawar gaafateera. Dhimma biraa Jaawar Mohaammad fuula miidiyaa dhuunfaa isaa karaa Facebook kaase, gatii Xaa'oon ittiin bitamudha. Gatiin xaa’oo bara darbe 3,600 ture barana dachaa ol dabaluuun 8,400 ta’eera jedha. Qaala'iinsi gatii kun hanqateet, xaa’oo waggoota lamaa oliif guyyaan itti darbe kan gatamuun malu fidanii qonnaan bulaatti raabsuuf jedhu! Tuuta hattootaa maqaa mootummaa daheeffatee biyyaafi ummata saamu! Jechuun ibse. Dhimma kana ilaalchisee qondaalli mootummaa Taakkalee Uumaa Bantii Burjaajii uumameef dhiifama gaafatee jira Suuraan xaa’oo adeemsa fe’uu fi buusuu agarsiisuuf fayyadamne faayila durii malee kan ammaa miti jedhe. Dhiyeessii Xaa'oo baranaa uummataaf ibsuuf suuraa durii fayyadamne jedha. Xaa'oon barana raabsamuuf jiru kan suuraan argame akka hin taane hime. Ta'us garuu suuraa isaa raabsamuuf jedhuu ammoo ifatti waan qoode hin qabu.
Tweet media one
2
1
11
@KelloMedia
Kello Media
1 day
0
1
3
@KelloMedia
Kello Media
2 days
Waamicha Abiyyii Ahemad taasise doorsisa jechuun qondaalli TPLF balaaleffatte. Waamichi tibbana qondaalota Tigraay'f Abiyyi Ahemad biraa dhaga'ame sodaachisuuf kan kaayyeffate doorsisadha jechuun qondaalli TPLF balaaleffatte. Qondaaloota TPLF olaanoo keessaa tokko kan taate Aadde Fetlework Gabraigzabiher ergaa tibbana afaan Tigiriffaan Abiyyi Ahemad dabarse sodaachiisoof doorsisa jechuun ibsite. Kun uummata Tigraay'f hin malu jechuun kulkulfatte. Nuti waraana hin barbaannu garuu gaaffii keenya qixa sirrii ta'een gaafachuu itti fufna jette. Ergaa Ministirri Muummee Itiyoophiyaa ummata naannoo Tigraayi, keessattuu hoggantoota Tigraayf dabarse gaaruummaa kan qabu fakkaatus yaada sodaachisoof dhimma itti bahame ta'uu caqaste. Ergichi uummata Tigraay sodaachisuuf kan dhimma itti bahameedha jetti qondaalli kun. Muummeen Ministeera Itoophiyaa tibbana naannoo Tigraay keessatti nagaa buusaa jechuun dhaamsa dabarseen, lafti Tigraay lafa waraanaa taatee jirti jechuun dubbate. Kasaaraa waraanaan uummatatti dhufe yaadadha jedha ergichi. Qondaalonni TPLF ammoo uummatni Tigraay lolachuun of kabachiisuufi, kan itti gaabbu miti jechuun yaada kana fudhatama dhabsiisu. Aadde Fetlework akka jettetti, ergaan Abiyyi "gaarummaa waan qabu fakkaata, garuu akeekkachiisa 'of eeggadhaa' jedhus of keessaa qaba, kanaaf gara waraanaatti akka geessu sodaa ummata biratti uumeera." Kun itti yaadameedha jetti. Abiyyi Ahemad itti yaadee uummata keenya Shororkeessaa jira jechuun ibsite. Ergaa Abiyyi kanas yaada uummata Tigraay balaa irra buusuuf hojjetamu keessaa tokko akka ta'etti ilaalla jetti. Uummata Tigraayiif kun hin malu, sodaachisuuf doorsisuun uummata keenyaaf hin malu jechuun yaada Abiyyi kana balaaleffatte. Yeroo ammaa kana haalli guutuu Tigraay keessatti mul'atu waraanaaf kan hin mijanne ta'us aadde Fetlewarq ibsiteetti.
Tweet media one
0
0
3
@KelloMedia
Kello Media
2 days
Abiyyi Ahemad humna alaa barbaaduun mo'amuu isaa agarsiisa jechuun ABO-WBO'n ibsa baaseen hubachiise. Tibbana humnoota Keeniyaa waliin WBO lolaa kan jiru mootummaan Itoophiyaa, lola daangaa irraa ittisuuf walii galtee tolfameen humnoota keeniyaa waliin Opireeshinii waraanaa gaggeessaa jiraachuu himeera. Mootummaan Keeniyaa lola WBO irratti banuu isaa akkuma ibseen, mootummaan Itoophiyaa dhimmicha keessaa harka qabaachuu hubachiisee ture. Dhimmicha ilaalchise Ibsa Kaleessa baaseen ABO-WBO'n haalli mootummaan Itoophiyaa itti jiru mo'amuu isaa agarsiisa jedheera. Lola biyya keessatti WBO waliin taasisuun abdii kutatee, humna keessaan injifachuu waan dadhabeef alaa barbaacha deeme jechuun ibsi ABO WBO kun caqase. Waraanni mootummaa Itoophiyaa biyya keessatti kutannoo bu'a qabeessa ta'een WBO jala dhaabbachuu dadhabuu irraa kan ka'e, Keeniyaa daboo waammate jedha ibsi kun. Biyyi tokko dhimma biyya biraa keessa galuun daangaa ta'ee osoo jiruu rakkoo irra gahaa jiruuf abdii kutatee daboo waammate jedha. Oromiyaa keessatti lolli gaggeeffamaa jiru itti hammaachuu kan eeru ABO-WBO'n motummaan biyya keessatti humna oomishachuuf illee rakkataa akka jiru ibseera. Kun ammoo abdii isa kutachiisuurraan loltoota alaaf affeerraa taasise jechuun caqase. Ibsa Kaleessa Guraandhaa 6,2025 baase kanaan ABO WBO dhimma Keeniyaa kaasee jira. "Mootummaan Keeniyaa, ollaa amanamaa fi wayiila, ofiitti bobba’uun balaa akkamii akka fidu ni hubata" jedha. Dhimma amma itti jirtu kana Keeniyaan ogummaan ilaaluu akka qaban dhaame. Haala amma jiru kanaan nagaaf tasgabbii itti fufiinsa qabu fiduun hin danda'amu jedha ibsichi. Gidduu seentummaan biyya alaa waraana kanatti eenyuyyuu yoo affeerame dhiibbaan waraanaan dhufu akka hin jiraanne ABO-WBO'n ibseera. Haalli amma Keeniyaanis ta'e mootummaan Itoophiyaa itti jiran naannicha kan nagaa dhabsiisu, jeequmsa kan hammeessudha jechuun ibsa isaa kanaa caqase. Abiyyi Ahemad biyyatti keessatti nagaa buusuuf fedha dhabuu isaa agarsiisa kan jedhu ABO-WBO'n, waraanaaf humna alaa affeerrachuun wal dhabdee keessoo furachuuf dadhabaa ta'uu isaa agarsiisa jedheera. Naannichatti nagaaf tasgabbiin akka hin jiraanne hojjetaa kan jiru mootummaa Itoophiyaa ta'uu hawwaasni idil addunyaa beekuu akka qabu gaafanna jechuunis ABO-WBO'n waamicha taasiseera. Keeniyaan WBO irratti Guraandhala 3 eegaltee Opireeshinii gochaa akka jirtu ibsitee turte. Ta'us Opireeshinii kanaan uummati nagaan miidhamaa jiraachuu himate. Opireeshinii jedhamee kanaan nama afaan siwayili hin beekne hundatu reebamaa jira jechuun hawwaansi bakkicha jiraatan mootummaa Keeniyaa himataniiru.
Tweet media one
Tweet media two
0
1
3
@KelloMedia
Kello Media
3 days
0
3
6
@KelloMedia
Kello Media
5 days
0
6
14
@KelloMedia
Kello Media
9 days
0
1
3
@KelloMedia
Kello Media
10 days
Namichi Qur'aana gubuun beekamu ajjeefamee argame
1
3
7
@KelloMedia
Kello Media
11 days
"Harka duwwaa mormuun lubbuu keenya hanga balleessurra gahe" jedha injiner Daani'eel Gammadaa Itoophiyaa keessatti qabsoo karaa nagaa gaggeessuun danqaa olaanaa akka qabu himama. Inumaa biyyattii keessatti karaa nagaa harka qullaa qabsoo gaggeessuuf lubbuu ofii qabdii qabsiisuu akka ta'e kan himamaa ture, haalli kun itti fufuu isaa kan agarsiisu tibbana Kara Deemaan haala hamaan miidhamarra gahee ofkaluun gabaafameera. Injineer Daani'een Gammadaa kan maqaa Kara Deemaa jedhuun hawwaasa biratti beekamu, rakkinaaf gadadoo waraanni uummata Salaalee irraan gahe baatilee darban miilaan deemee waraabee uummata addunyaarra jiruuf hawwaasa idil addunyaaf qoode. Rakkinni uummata keenya Oromoo irra gahaa jiru kan ija miidiyaa jalaa dhokatee jiru hangam hadhaahaa akka ta'es saaxile. Erga sanii as humnoonni nageenyaa mootummaa akka adamsaa turan irra deddeebiin ibsataa tureera. Sababa kanaafis maatii isaaf hiriyootni akka hidhaman Keelloo Miidiyaan gabaasuun nii yaadatama. Tibbanas Kara Deemaan qaamota hin beekamneen mataa isaa rukutamuu gabaafamaa ture. Dhimma kana irratti yaada Shabboo Miidiyaaf kenneen balaan itti aggamamee hangam hamaa akka ture himeera. "Lubbuun kiyya baduuf turte badiisarraa ofkalteetti" jedha Kara Deemaan "Daba goone, utuu hin taane waan uummatni keenya keessa jiru, waan mootummaan biyya sanaa gochaa jiru itti himuuf, harka duwwaa mormuun dhumarra lubbuu keenya hanga balleessurra gahee jechuun ibse. Akka yaada Kara Deemaatti guyyaa waaqaa malee lubbuu rabi kaahe hin baatu oolleerra jedhe. Dhaabbata Jirraa Organisation jedhamanis oolmaa isaaf oolaniif galateeffateera. Taateen itti aggamamee du'a akka ture hime. Yeroon inni rukutame galgala akka ta'e ibsee. Miidhaan irra gahe Billaan ta'uu kan hubachiise Kara Deemaan, jarri silaa morma isaatti billaa san akka gadhiisan dubbate. Akka isaan yaadan hin taane malee silaa lubbuun kiyyayyuu kan baatu turte jechuun waan isarra gahe hime. Rakkinni kam irra gahus qabsoo isaa akka itti fufu hubachiiseera.
Tweet media one
7
20
61
@KelloMedia
Kello Media
1 month
Siyaasa Itoophiyaa keessatti namni maqaan isaanii beekamu Obbo Bulchaa Dammaksaa du'aan boqotan Bulchiinsa Hayila Sillaasee irraa kaasuun Itoophiyaa keessatti gama siyaasaaf bulchiinsa biyyattii keessatti hirmaataa kan turan obbo Bulchaa Dammaksaa du'aan boqochuun dhagaa'ame. Obbo Bulchaan baadiyyaa Wallaggaa Lixaa Boojjii Dirmajjiitti kan dhalatan, barumsaan namoota jajjaboo turuu isaaniitu himama. Akka seenaa isaanii irraa hubatamutti barnoota Maallaqa fi diinagdeen digirii jalqabaa Yuunivarsitii finfininneetti baratan. Barnoota diinagdeen digirii 2ffaa Yuunivarsiitii Ameerikaa Syracuse University jedhamutti baratan. Bara mootummaa Hayilasillaasee Ministeera maallaqaa ta'uun hojjetaniiru. Boodarra Baankii Addunyaatti bakka bu'aa Itiyoophiyaa ta'uun hojjetaniiru. UN keessattis dalaganii jiru. Bara 1991 gara biyyaa deebi'uun siyaasa fi diinagdee biyya kanaa keessatti hirmaannaa godhaniiru. 1994 baankii guddicha Awaash hundeessuu keessatti gahee qabu. Paartii mormituu karaa nagaa qabsaa'u WFDO hundeessuun falmii gaggeessaa turaniiru. Boodarra Gamtaa MADRAK dabalaman. Achiis paartii pirofeesar Mararaa waliin walitti dabalamuun KFO ijaaran. Miseensa paarlaamaa ta'uun uummata bakka bu'aniiru. Kanaanis Mallas Zeenaawwii waliin mormuun haalaan beekamu ture. Afaan Oromoo akka paarlaamaa keessatti dubbatamu, ittiin baratamu nama hedduu qabsaa'an yoo ta'u bara namni afaan Oromoon dubbachuu saalfatutti Paarlaamaa keessatti qooda afaan isaaniif bahataa nama turanidha. Gameessi siyaasaa kun har'a du'an boqochuu isaanii Keelloo Miidiyaan gadda itti dhagaa'ame ibsataa maatiif firoota isaaniif jajjabina hawwina.
Tweet media one
0
1
7
@KelloMedia
Kello Media
2 months
Baayyinni WBO Oromiyaa keessaa amma kuma 100 ol ta'uu Jawaar Mohammad dubbate. Tibbana kitaaba Hingaabbu jedhu katabuu isaa kan ibse namni siyaasaa Jaawar Mohaammad dhimmoota siyaasa Itoophiyaaf kaan irratti har'a foddaa BBC afaan Oromoo irraan gaaffiif deebii taasisee jira. Dhimma waraana Bilisummaa Oromoo waliin wal qabatee yaada dubbateen Jawaar Mohaammad "dargaggeessii hidhaa, ajjeechaa fi reebicha mootummaan raawwatu baqate Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamee bosona Oromiyaa jiru kuma 100 ol ta'a jedhee jira. Haasaan kun wayiita qondaalonni mootummaa Itoophiyaa WBO'n bosonaa galaa jira jechuun holola gatii hin qabne tamsaasaa wayiita jiranitti dhagaa'ame. Akka miidiyaaleen mootummaa jedhanitti amma bosona Oromiyaa keessa WBO'n galeera. Rakkoo siyaasaaf Qawwee kaasise gara nagaatti deebisuun amma Oromiyaa keessaa sagaleen qawwee hin dhagaa'amu jechuun qondaalonni mootummaa dubbatu. Jaawar cimsee dhumma qaamolee mootummaa irratti haasaa taasiseen maraatummaa isaanii ajaa'ibsiifate. Maali maraatummaan akkanaa, dura yeroo jalqabaa akkaataa itti biyya itti gaggeessan hin beekan ta'a, kan ammaawoo jedha. Adeemsa ammaa kanaan paartiin PP qaanii jabaa keessa seenuuf akka taa'us himeera. “Waligaltee Piritooriyaa booda abdiin nageenyaa jiraatus, dhiheenya kana ammoo mootummaan yeroo bitachuuf malee rakkoo biyyatti marii araaraa dhugaatiin furuuf fedhii akka hin qabne mirkaneefadhee” jechuunis Jaawar dubbii taasiseen ibseera. Paartii PP amma biyya bulchaa jiru hundeen akka gadi dhaabbatu utubuun qabsoo Oromoo warraaqsa uummataa mootummaa irraa dhaamsuu keessatti gahee olaanaa kan bahate Jaawar Mohaammad amma cimsee mootummaa ofuma isaa jabeessaa ture qeequu irratti argama. “Mootummaan rakkoo biyyatti qabdu marii araaraa dhugaatiin furuuf kutannoo waan hin qabneef mootummaa irratti dhiibbaa taasisee gara marii araaratti fiduuf sochii jalqabee akka jirus hime. Waraana Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jiddutti adeemsifamaa jiru karaa mariitiin xumuruuf mariin marsaa 3ffaa akka jalqabu dippiloomaatoonni dhaabbii godhaa turuu kan hime Jawaar, maricha kan dide Waraana Bilisummaa Oromoo osoo hin taane mootummaadha jedhe. Mootummaan hidhattoonni kuun harka kennatanii galaa jiru, kanneen hafan waraanaan balleessina, mariin marsaa 3ffaa hin barbaachisu jechuun diduu hime. Kana dhugoomsuuf addunyaa sobuuf adeemsa mootummaan Itoophiyaa tibbana WBO gale jedhee miidiyaa qabuun taasisaa jirus nagaa biyyatti keessatti argamsiisuu akka hin dandeenye haasaa isaa kanarraa hubachuu danda'ama. Naannoo Oromiyaattis ta'e naannoo Amaaraatti mariin rakkoo furuu kan dide mootummaa ta'uu Jaawar jabeessee dubbate. Waa’ee waraanaa galaa jiruun wal qabatee yaada kan kenne Jawaar, “Waraana cinaa muranii galchuun olola torbaan takka ittiin ofachuun ala nageenya waaraa biyyatti keessatti fiduu hin danda'u” jechuun ibse. Rakkoo fi dhiibbaan siyaasaa dargaggeessa bosona seensise yoo hin furamin, har'a 500tu gala, bor ammoo kuma 50tu bosona seenaa jechuun ibse. Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin nama kuma 100tu bosona jira kan jedhu Jawaar Mohaammad, kun ammoo hidhaa, ajjeechaa fi reebicha mootummaan raawwatutu dargaggeessa kana hunda bosonatti galche jechuun eere. Itoophiyaan dinagdeen kufaa jiraachuu, inumaa haala gaddisiisaa ta'een waraanni adeemaa jiru dinagdee biyyattii laamshessaa jiraachuu hime. Kan kan isa mormu caasaa mootummaa keessa yoo jiraate miidiyaan walfamuuf qophii ta'uus hime. Dhimma kana fakkaatuun tibbana qondaalli ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Abiyyi Ahmad Hayile sillaasee caalaa Oromoo miti jechuun ibsee ture. Akkuma kana WBO'n hundi osoo galeeyyuu Oromiyaan nagaa ta'uu hin danda'u. Biyyattiin nagaa kan argatu gaaffii uummataa deebisuu qofaani jechuun isaa nii yaadatama.
Tweet media one
1
6
34
@KelloMedia
Kello Media
2 months
Gujii Waadaraatti Mucaan dhiiraa waggaa 5 waraana mootummaan gudeedamuu himame. Waraanni waggoota 6 ol butuchaa kan jiru Oromiyaa keessatti yakkaaf dararaan uummata nagaa irra gahuu itti fufe. Akka kanan Godina Gujii Aanaa Waadaraa magaalaa Waadaraatti daa’imni dhiiraa ganna shanii miseensa Raayya Ittisa Biyyaan yakki gudeeddaa irra gahuu maddi oduu kanaa VOA’n gabaase. Haati daa'ima kanaa Aadde Baddeesoo Beqqelee, mucaan isaanii miiidhaan irra gahuu VOA’f himan, miidhaan kun Sadaasa 20, bara 2017 daa’ima isaanii irra ga’uu ibsanii. Daa'ima isaanii kana waraanni mootummaa Koshooroon sii kenna jechuun sossobee ofitti waamee akka gudeeddaa irratti raawwate himame. Yaada haati isaa laataniin mucaan dhiiraa isaanii kan ganna shanii rakkoof saaxilamuu dubbatan. Poolisiin Waadaraa dhimmichi Abbaa Alangaa waliin qoratamaa jira jedheera. Yakkoonni akkanaa Oromiyaa keessatti raawwatamuun isa jalqabaa miti. Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti miidhaan saalaa irra deddeebiin dhagaa'ama.
Tweet media one
0
9
33
@KelloMedia
Kello Media
2 months
Miidiyaan mootummaa WBO'n daandii nagaa filate galaa jira jechuun gabaasatti jiran, ABO WBO'n ammoo ibsa kana soba jedheera Waliigalteen araaraa Sanyii Nagaasaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa gidduutti erga taasifamee booda suuraaleen Waraanni Bilisummaa Oromoo galaa jira jedhan miidiyaalee mootummaan qoodamaa jiru. Akkasuma gareen Sanyii Nagaasaa qondaala mootummaa kan taate Aadde Daanech Abeebee waliin wal arguun isaas gabaafamaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ‘’uummanni nageenya dheebootee nagaa gaafachaa ture WBO kallatti hundarraa gara giddu galeessaatti dhufaa jiruuf simannaa ho’aa taasisaa jira,’’ jedheera. Dabballeewwaan mootummaa fi deggartoonni isaa karaa marsaa miidiyaa hawwaasaan nagaan amma bu'e jedhanii osoo barreessaniis argamaa jira. Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa immoo ''miseensonni WBO kallattii hundaan galuu itti fufanii jiru,'' jechuun ibse. Kun ta'e ABO WBO'n fuula miidiyaa hawwaasaa karaa Tiwitera isaan Oduu Sobaa jechuun katabeera. "Gareen Bilxiginnaa waraana injifachuu dadhabee abdii kutate, hidhattoota "Shanee" ofii leenjisee bobbaasee ummata keenya ittiin fixaa ture deebisee galchaa jira." Jedha barreeffamni ABO-WBO gama Tiwitera isaan katabe. Akka ibsa WBO kanatti "Gantoota dhiyeenya galan jala oofee WBOtu gale jechuufi. Waan WBOn Zoonii Giddu Galeessaa dabalatee Oromiyaa maratti hojjetu boru walumaan argina." Jechuun ibse. Haalli akkanaa Oromiyaa keessatti isa jalqabaa miti. Ta'us nagaa hawwamu argamsiisee hin beeku. Kanaan dura WBO'n waamicha abbootii gadaa jedhamuun waggoottan dura miseensonni muraasni dhibbootaan lakkaa'aman galanii ture. Haalli Oromiyaa keessaa garuu furmaata argachuu hin dandeenye. Inumaa akka xiiqiitti lolli adeemsifamuun Oromiyaan waraana guddaa keessummeessuu dandeesseetti. Ammas taanaan akkuma mootummaan gabaasaa jiru WBO muraasni Sanyii Nagaasaaf awwaatanii galaniif nagaan nii bu'a osoo ta'ee fedhii nama hedduuti. Haalli adeemaa jiru garuu kana hin fakkaatu
Tweet media one
1
1
11
@KelloMedia
Kello Media
2 months
Yeroo dheeraaf WBO giddu galaa hogganaa kan ture Sanyii Nagaasaa guyyaa har'aa mootummaa waliin waliigaltee irra gahuu isaa himame. Waraana Bilisummaa Oromoo giddu galaa hogganuun sochii Bilisummaa keessatti qooda bahataa kan ture Sanyii Nagaasaa baatilee darbe keessa komii isaa miidiyaa hawwaasaa irraan dhiheeffataa ture. Namootni hedduun ammoo wayiita sanattiyyuu Sanyiin mootummaa waliin hariiroo uumuu isaa himaa turan. Mootummaan naannoo Oromiyaa garee Sanyii Nagaasaa waliin har'a walii mallatteessuu beeksisee jira. Miidiyaa mootummaa kan ta'e FBC'n "walii galteen araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota WBO gidduutti mallatteeffameera" jechuun gabaaseera. Ta'us walii galtichi ammas galma nagaa kan geessisu osoo hin taane akkuma kan Goollicha Dhengee Kibba Oromiyaa irraa itti galeen wal fakkaachuu hin oolu. Araarri akkanaa ammoo Oromiyaa keessatti nagaa uummatni hawwuu fiduu akka hin dandeenye hubatamaadha. Torban darbe keessa ture mootummaan WBO waliin marii araaraa milkaa'aa gaggeessaa jiraachuu kan ibsaa ture. Wayiita sanatti dhugumaan ABO-WBO waliin araaratti jirama jedhee kan shakke danuu ture. Ta'us dhimma nagaa jedhamu mootummaan balballoomsaa jiru ABO-WBO karaa Tiwitera isaan Fake News jechuun ibse. WBO"'n ibsa isaa kanaan "Oduun dabballoonni Bilxiginnaa mariin nagaa marsaa lammaffaa booda itti fufeera jechuun afarsan soba. Olola namoota jilbeeffateefi kan kaadiree ti." Jedhee jira "Marii rakkoo Oromoo hundeen furu sodaatee baqachuun, nagaa jechuun harka kennuufi jilbeeffachuu qofaadha kan jedhe Bilxiginnaa ta´uu Oromoon hunduu quba qaba. WBOn gaachanni sabaa qabsoottii jira. Ololli raatuu bishaan mooyyeetti naqanii tumuu wajjin qixxuma. Haa tuman." Jechuun fudhatama dhabsiise. Mootummaan namoota filee ABO fi WBO keessaa gansiisuun isa jalqabaa miti. ABO keessaa waggoottan dura garee Qajeelaa Mardaasaa fudhatee kaan ammoo siyaasaan rukutaa tureera. Akkuma kana WBO keessaa ammoo Goollicha Dhengee gansiisuun holola adda addaa afarsaa tureera. Waan akkanaa irraa bu'aa siyaasaa yeroo dheeraa adeemsisu argatee itti milkaa'ees hin beeku. Araarri uummatni fedhu WBO waliin akka dhaabaatti mariin hiika qabeessi akka adeemsifamu malee hoggana filanii marii waliin taasisuu akka hin taane hubatamaadha.
Tweet media one
2
2
23
@KelloMedia
Kello Media
2 months
Itoophiyaa keessatti sababa waraanaan manneen barnootaa 5550 cufamuu himame Biyya bulchiinsa caasaa maqaa badhaadhinaa qabuun bulaa jirtu Itoophiyaan lammiileen ishee sababa waraanaaf jecha barnootaa ala ta'aa akka jiran karaa adda addaa himame. Waraana waggootaa 6'f haala hammaataa ta'een keessatti adeemsifamaa jiruun gulubiin dinagdee ishee, abdiin uummata ishee kan dukkanaa'e Itoophiyaan mana barnootaa 5500 ol akka cufamanii jiran dhaabbileen mirga namoomaa himaa jiran. Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru fuula miidiyaa hawwaasaa isaan Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa wabeeffatee akka maxxansetti Itoophiyaa keessaa manneen barnootaa 5550 ta'an cufamaniiru jedhe. Lakkoofsi kun akka naannoo Oromiyaattuu kan caalu ta'uu isaammoo hawwaasni waraana keessa jiru kallattii hedduun ragaa bahaa jira. Lolli dhaabbatee nagaan akka bu'u biyyoota addunyaaf namoonni siyaasaa kallattii adda addaan himaa jiranis mootummaan san waan fudhataa jiru miti. Tibbana obbo Shimallis Abdiisaa magaalaa Naqamteetti WBO humnoota hidhannoon isaan dura dhaabbatan haxahanii akka balleessan dhaadataa turan. Kaleessa ammoo marii naga adeemsisaa akka jiran ibsa baasuun hubachiisaa turan. Siyaasni biyyattii keessaa cancalamaa akka ta'u taasisuun ala fedhiin nagaa biyyattiitti deebisuu mootummaa biraa argamaa hin jiru kan jedhan hayyoonniif namootni siyaasaa gocha nagaa jibbuu kana balaaleffataa jiran.
Tweet media one
0
1
4
@KelloMedia
Kello Media
2 months
Mariin waraana Bilisummaa Oromoo waliin jalqabne adeemsa gaarii irra jira jechuun mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baaseen hubachiise. Waggootaaf waraana hammaataa keessummeessaa kan jiran WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu mariin araaraa haala wal hubannaa qabuun adeemaa jiraachuu mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa kaleessa baaseen eeree jira. Maqaa WBO'n ittiin of waamuun kan katabame ibsichi, waggaa 6 asitti yeroo jalqabaaf jecha Shanee jedhu fayyadamuu dhiisuu isaan uummatni kaan abdii nagaan nii bu'a jedhu horateera. "Egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin marii taasifamaa jiruun dhimmoota bu’uuraa irratti wal hubannaan uumamaa jira" jedha ibsichi. Tokkummaan keessoo laaffachuun, garaagarummaan Oromoo gidduutti dhalate sabicha aarsaa kaffalchiiseera kan jedhu ibsichi; garaagarummaa san dhiphisuun gara nagaatti dhufuuf adeemsi jalqabame wayyaa'aa ta'uu eera. Ibsichaan WBO waamicha nagaa fudhatan kan jedhu yoo ta'u, dhugumaan qondaalota ABO-WBO waliin haasaa taasisaa jiruuf dhiiseen isaanii garuu ifatti amansiisaa miti. Yeroo hedduu jechoota siyaasaaf, tooftaa siyaasaa umurii isaan dheeressu qofa fayyadamuun wantoota adda addaa taasisaa waan turaniif mootummaan naannoo Oromiyaa dhuguma balbala nagaa of kenniinsaan saaqaa jira jechuun nama mamsiisa. Shakkii san nama keessa kan bulchu ammoo ABO-WBO'n gama isaan dhimmicha irratti gabaasa kana hanga qindeessinetti deebii kennuu dhabuu isaadha. Ibsi mootummaa naannoo Oromiyaa waan gamtaaf marabbaa irra deddeebiin kaaseera. "Rakkoon bu’uuraa Oromoo kaleessarraa kaasee hanga har’aatti fala aragachuu dadhabe tokkummaa dhabuudha. Waldhaggeeffachuurra of dhaggeeffachuudha. Waliin dhaabachuurra wal faallaa dhaabachuudha. Akeekaafi kaayyoo sabaa garaagarummaa hin qabneef gamaa gamana dhaabatanii walgooluudha. Amalli akkasii jaarraa tokkoo oliif nufaana guddate kun kaleessaa hanga har’aatti qormaata nutti ta’ee jira. Tokkummaa keenya laaffisuun akka sabaatti qaaxxee alaatiif nu saaxilee jira." Jechuun ibsa saniin waakkata "Siyaasa Oromootiif Qawween fala hin ta’u jennee xiqqaa guddaan osoo watwaannuu waldhagahuun waan dhibeef kunoo waggaa jahaaf wal-ajjeesuutti jirra. Ummanni keenyas aarsaa isaaf hin malle kaffaluuf dirqame." Jedha. Ibsi mootummaa naannoo Oromiyaa irraa kenname kun dhugumaan rakkoo uummataaf fala barbaaduun akka irra jiraatu amanee waan fudhate fakkaata. Ammoo jechootni isaanii hojii agarsiisuu ta'ee waan hin amanamneef hedduun itti quufeera jechuun hin danda'amu. Akka ibsichi jedhutti "Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Paartiin keenya bu’uurarraa fedhii nageenya buusuufi Oromoo gidduutti tokkummaa itichuuf qaban irraa ka’ee marii nageenyaa marsaa lammaaf WBO waliin taasifameef haala mijaawaa uumaniiru. Jalqabbii sana ummanni hawwii guddaadhaan eegaa kan ture ta’ullee, akka carraa ta’ee milkaa’inaan goolabamuu hin dandeenye." "Mariin marsaa lamaan yaalame waan hin milkoofneef, abdii kutannaadhaan balbala nageenyaaf banne hin cufne." Jedha. Ibsicha irraa shakkii guddaa kan namatti naqu "Miseensonni WBO kumaatamaan lakaa’aman waamicha kanaaf owwatanii daandii nagaatti dhufaniiru. Leenjii haaroomsaa akka fudhatan taasisuun ummatatti makamanii jireenya dhuunfaa isaanii akka jiraatan taasifameera. Baay’ee isaanitiif ammoo carraan hojii uumamee jira." Jedha. Kana jechaan namootuma mana hidhaatti ukkaamse akka waan WBO ta'aniitti ibsaa jiraaf dhiisee isaa addaan baafachuun nama rakkisa. Dhugumaan WBO waliin mariitti akka hin jirre kan kan shakkisiisu ammoo miseensota WBO waamicha dhagaa'anii galan jedha. Kana jechaan tarii warra bosonaa qabsoo irra jiran akka hin taane nama mamsiisa. Kun ta'ee ABO-WBO'n dhimmichaan wal qabsiisee deebii kan kennu yoo ta'e gabaasa isaa isin biraan kan geenyu ta'a.
Tweet media one
1
2
16
@KelloMedia
Kello Media
2 months
0
0
4
@KelloMedia
Kello Media
3 months
0
1
5
@KelloMedia
Kello Media
3 months
Hiriirri mormii gara warraaqsa uummataatti guddateera. Uummatni Shawaa Kaabaa Salaalee magaalaa Fiichee guutummaan bahee ajjeechaa gara jabinaan guutame mormataa ooleera
Tweet media one
0
2
11